Injiiner/Faarfataa Tasfaayee Akkamiin Ajjeefame?
Ummanni Gumuzii osoo jireenya jald-eessaa keessaa ba’uu hin barin, aj*-*jeechaa nama keenyaa irratti yeroo bobbaatu arguun farra!
Injiiner/Faarfataa Tasfaayee Guutamaa jedhama. Dhalatee kan guddate shawaa lixaa aanaa Abuunaa Gindabarat, ganda qotee bulaa Haroo keessattidha.
Faarfataa amantaa piroteestaantii fi nama dirree barnootaa keessa turedha. Asoosaatti warri Beenishaangul Gumuz konkolaataa keessaa buuftee, waayillan isaa nama 6 waliin rashanuutu himama.

Waggaa 3’n darbe faarsaa mata duree “Sin Madaalu” jedhu hojjetee turuun isaa ni yaadatama, Faarsaa sanaan baay’ee beekama.![]()
![]()
Wal’aansoo jireenyaa hedduu nama sodaachisu yaaddoo jireenyaas wal’aansoo qabee jireenya lafaa kana mo’achuuf nama baay’ee tattaafataa fi Gooftaa Isaa tajaajiluutti, akkasumas obboloota jaallachuutti nama jiraachaa ture dha jedhu namoonni qaamaan isatti dhiyaatan.
! Egaa jireenyi Addunyaa kanaa yeroo tokko tokko isa kaaniif iftee, isa kaanitti dukkanoofti. Obboleessi keenya Tesfuun bakki jireenya isaa inni ammaa Magaalaa Adaamaa yoo ta’u hojii dhuunfaa isaa hojjechuuf kutaa biyyaa gara Asoosaa Naannoo Benishaangulgumuz osoo hojjetuu qaama hidhatee naannoo sana jiraatuun Lubbu*un isaa darbuun himame!
Waaqayyo lubbuukee jennataan haa qananiisu Tesfuu keenya! Tattaphataa namaa! Qajeelaa ta’aniif du’a hin oolan
Yaada Namootaa

Faarfataa Tasfaayee Guutamaa!
Obboleessa keenya jaallatamaa,
Tajaajila Gooftaan Itti si waame keessatti amanamummaadhaan hojjechaa turtee hojii kee lafa irraa xumurtee gara Gooftaa deemuun kee, gama tokkoon badhaasa tajaajila keetii akka ta’e ni amanna. Haa ta’u malee, akka namaatti fooniin nurraa adda ba’uun kee gaddi guddaan akka nutti dhaga’amu godheera.
Keessumaa maatii kee, firoota kee, hiriyoota kee fi namoota si jaallatan hundaaf gadda guddaa nutti dhaga’ame ibsina. Yeroo ulfaataa kana keessatti Waaqayyo hunduma keessaniif jajjabina, ciminaafi tasgabbii haa kennu jechuus jaallanna.
Macaafni Qulqulluun akkana jedha:
“Anaaf Kristos jireenya koo ti, du’uun immoo bu’aa koo ti.”
Filiphisiyus 1:21
Obboloota nana! Akka namoota abdii hin qabnetti akka hin gaddinetti, waa’ee warra obbaafataniif abdii jiru akka beektan in barbaanna.
1 Tasalonqee 4:13
Boqonnaan kee badhaasa tajaajila kee haa ta’u. Yaadannoon kee fi hojii gaariin ati hojjette bara baraan haa yaadataman.
Waaqayyo maatii fi firoota kee hunda haa jajjabeessu!
Open Door Christ International Church
Pastor Dr. Lola Mergo

Waggaa 15’n baranaa gaafan Adaamaa Yuunibarsitii deemen waldaa Biraana Kiristoos Adaamaatti wal barre. Nama biyyaas waan ta’eef nu jajjabeesse. BAdaamaan akka haaraa nuttin taane nu barsiise. Sagaleesaa kiilolee sanaan ni faarfata, Guyyaa ni dalagata. Akkasitti lafa duwwaa irraa ka’ee iddoo har’a ga’e kana gahe.
Tasfaayeen nama hammeenyan qabne, tattapahattuu namaati.
Kaleessa gaafa 26/2019 Bakka Hojiisaatii nama shan ta’anii utuu konkolaataa tokkoon gara Magaalaa Asoosaa deemanii shiftootaan ajjeefaman.
Awwaalcha kabajaallee dhabe. ![]()
![]()
![]()
Biyya abbaan barbaade, bakak barbaadetti siajjeesu keessatti eenyu iyyuu wabii lubbuun jiraachuun qabu.
Waaqni lubbuu kee jennataan haa qananiisu. Ijoollee kee wallaalaa gattee deemte kanallee haa guddisu. Silas maal jenna kanuma dandeenya
