Aadaan Keenya, Safuun Keenya fi Seerri Fuudhaa-Heerumaa Biyya Keenyaa Kabajamuu Qaba!
Yoo waa dubbannu, “Inaaffadha” nuun jedhama. Garuu waan akkanaa arguun nama yaaddessa. Sabni nuti irraa dhalanne aadaa, safuu fi duudhaa mataa isaa qaba. Aadaan keenya waan fedhan hunda hojjechuu osoo hin taane, safuu fi kabaja hawaasaa eeganii jiraachuu dha.
Suuraa kana keessatti intalli tun uffata ishee irraa kaasee hanga faaya qaama ishee irratti mul’atuutti, faaya warqee hedduu uffattee mul’atti. Akka odeeffannoon suuraa kana waliin naanna’aa jiru jedhutti, jaarsummaan ishee warqee hedduu of keessaa qaba jedhama. Dhugaa ta’uu isaa osoo hin mirkaneessin murtii kennuun ulfaata. Haa ta’u malee, waan kun hawaasa keessatti kaasee jiru irratti mari’achuun barbaachisaa dha.
Biyyattiin yeroo ammaa abbaa seeraa fi itti gaafatamummaa qabu dhabde fakkaachuu dandeessi. Garuu kun namni hundi daangaa safuu fi aadaa cabsuun waan fedhe akka hojjetuuf hayyama miti. Wanti hundi daangaa qaba; aadaanis safuu qaba, bilisummaanis itti gaafatamummaa qaba.
Seerri fuudhaa fi heerumaa biyya keenyaa jabaatee dhaabbachuu qaba! Waan akkanaa ilaalchisee seerri ifaa, haqa qabeessa ta’ee fi nama hundaaf walqixa hojjetu jiraachuu qaba.
Sababni isaas, namni tokko jireenyaaf waan barbaachisu dhabee rakkoo dinagdee keessa jira; inni biraan garuu qabeenyaan daangaa darbee, warqee fi faaya gatii guddaa qabanitti fayyadamuun fuudhaa fi heeruma gara dorgommii qabeenyaatti jijjiira.
Kun ammoo namoota dandeettii dinagdee hin qabne irratti dhiibbaa guddaa uuma. Namni hiyyeessi fuudhuu fi heerumuu akka isaaf ulfaatu, namni qabeenya qabu immoo qabeenya isaatiin kabaja bitachuu akka danda’u fakkeessa.
Mee of gaafannaa: Fuudhaa fi heerumni qabeenyaan madaalamuu qaba moo jaalalaan, waliigalteen, kabajaa fi itti gaafatamummaan?
Warqeen maatii hin ijaaru; qabeenyi jaalala hin bitu; faayaanis safuu hin bakka bu’u!

Namni qabeenya qabu qabeenya isaa fayyadamuuf mirga qaba. Garuu qabeenyi isaa safuu fi duudhaa hawaasaa bakka bu’uu hin qabu. Akkasumas, namni hiyyeessi qabeenya waan hin qabneef mirga fuudhaa fi heerumaa isaa irraa mulqamuu hin qabu.
Aadaan saba tokkoo nama walitti fiduu qaba malee nama walirraa fageessuu hin qabu. Fuudhaa fi heerumni maatii ijaaruu qaba malee namoota wal dorgomsiisuu hin qabu.
Kanaaf, waan fedhe hundumaa “aadaa” jechuun fudhachuu dhiisnee, waan safuu, kabajaa fi bu’aa hawaasaaf qabu irratti mari’achuu qabna.
Biyya ijaaruu jechuun gamoo ijaaruu qofa miti; safuu tikfachuu, seera kabajuu, haqa eeguu fi dhaloota dhufuuf duudhaa gaarii dhaalchisuus ni dabalata.
Aadaan keenya haa kabajamu! Safuun keenya haa tikfamu! Seerri keenya nama hundaaf walqixa haa hojjetu!
Albuudni biyya keessaa kan eenyuuti enyutu bulchuu qaba? Hawwaasi maaliif itti fayyadamuu qaba? Akkamitti itti fayyadamuu qaba? Hammam itti fayyadamuu qaba? Seerri biyya keenyaa Ethiopia maal jedha? Seerri biyoota garaagaraa hoo maal jedha? Seerri idil addunyaa maal jedha?
Kun yaada kooti itti dhiyaadhaa!
Yeroo ammaa kana haalli gabaa fi gabbara shamarree tokkoo qofaaf albuuda gatiin isaa miliyoona 100 ol baasu fayyadamuun mul’achaa jiru kun, muddama diinagdee fi dhiibbaa gurguddaa dargaggoota keenya irratti uumaa jira. Qabeenyi biyyattii bakka tokkotti kuufamuu fi qisaasamuun isaa hawaasa keenya harka qalleeyyii ta’eef gaaffii deebii hin qabne ta’aa jira.
Kunoo kunoo haala kana qabxiiwwan seerotaan yoo ilaallu:
Albuudni Biyya Keessaa Kan Eenyuuti? Eenyutu Bulchuu Qaba?
Seerri biyyoota hedduu fi kan Itoophiyaa akka ibsutti, albuudni fi qabeenyi uumamaa dachee keessa jiru qabeenya ummataa fi mootummaa ti. Bulchiinsi isaa immoo itti gaafatamummaa mootummaan ummata bakka bu’uun karoora misoomaatiif oolchuun to’atuudha.
Hawaasi Maaliif, Akkamitti, fi Hammamiin Itti Fayyadamuu Qaba?
Maaliif: Misooma diinagdee fi fooyya’iinsa jireenya hawaasaa waliigalaaf.
Akkamitti & Hammamis itti fayyadamuun danda’ama?: Karaa seera qabeessa ta’e (sustainable development) fi faalama naannoof hin saaxilamneen, akkasumas dhaloota dhufuuf dhaalchisuun akka danda’amutti karoora qusannoo fi madaalawaa ta’een malee, al-tokkotti qabeenya qisaasessuun sirrii miti.
Seerri Biyya Keenyaa Ethiopia Maal Jedha?

Heera Mootummaa FDRE bara 1995 keeyyata 40(3) jalatti, “Qabeenyi lafaa fi qabeenyi uumamaa kan biyya keessaa, lafti keessaa fi bishaan uumamaa kan mootummaa fi kan ummata Itoophiyaati” jedhee tumamee jira. Kunis bu’aan isaa hawaasaaf akka oolu ajaja.
Seerri Biyoota Garaagaraa fi Idil-Addunyaa Maal Jedha?
Biyyoonni addunyaa dantaa ummata isaaniif dursa kennuun seera daldalaa albuudaa cimaa hordofu. Seerri idil-addunyaa immoo mirga biyyoota (Permanent Sovereignty over Natural Resources) fi dhimma misooma itti fufiinsaa (Sustainable Development Goals – SDGs) irratti hundaa’uun qabeenyi kun dantaa uummataatiif akka oolu jajjabeessa.
Dargaggoota keenyaaf carraa hojii uumuu fi diinagdee biyyaa tasgabbeessuuf, qabeenyi uumamaa kun sirnaan hojiirra ooluu qaba!
Qabeenyi uumamaa fi albuudni biyya keenyaa kan dhuunfaa utuu hin taane kan ummataa fi biyyaattiiti. Garuu yeroo ammaa kana gabbarri seeraan alaa fi hammaan olii kun yeroo raawwatamu, akkasumas qabeenyi biyyattii bakka tokkotti harka namoota muraasaatti kuufamuun isaa kun:
Diinagdee keenya ni mudda (economic pressure uuma).
Aadaa fi safuu hawaasaa keenya ni booressa.
Dargaggoota keenya carraa dhabsiisee hiree dhalataa biyyattii harka namoota muraasaatti galchuun rakkoo uuma.
Seerotni biyya keenyaa (Heera Mootummaa FDRE keeyyata 40) fi seerota idil-addunyaa akkasumas seerota biyyoota garagaraa akka ibsutti, qabeenyi uumamaa dantaa ummataatiif ooluu qaba malee, harka namoota dhuunfaa muraasaatti qisaasa’uun isaa sirrii miti.
Qabeenyi kun tajaajila hawaasaa bal’aaf, misooma dhalootaaf, fi diinagdee biyyaa tasgabbeessuuf ooluu qaba!
Yaada kana irratti maal jettu? Mariin haa banu!
