Tajaajila waamamee dhaqee tajaajilee yeroon galuuf jedhu qarshii 10 naaf kennan.
“Tajaajila waamamee dhaqee tajaajilee yeroon galuuf jedhu qarshii 10 naaf kennan. Guyyaa sana baay’een boo’e,” jechuun faarfattuu Yaadanii Shifarraa mudannoo jireenya ishee keessatti ishee mudate uummata waliin qooddeetti.
Ofii Yaadoon maaliif gaaficha boosse? Maallaqichatu xiqqaate moo waan isheen hin eegneef ture? Deebiin ishee nama yaachisa, garaa nama tuqasas.

Dhugumatti, gatiin tajaajila tokkoo yeroo tokko tokko harka namaa keessatti xiqqaa fakkaachuu danda’a; garuu gatii dhugaan namaa fi tajaajila isaa kan murteessu qarshii nama biraa miti. Namni tokko hojii isaa keessatti amanamummaa, obsaa fi of kennuu qaba. Haa ta’u malee, namni tajaajila argates hojii namaaf kabaja kennuu fi gatii hojii isaa madaalawaa kaffaluun barbaachisaadha.

Waaqayyo immoo hojii gaarii namaa hin dagatu. Namoonni gatii hojii kee beekuu dhiisuu danda’u; carraaqqii kee xiqqeessuu danda’u; garuu Waaqayyo hojii amanamummaa fi tattaaffii keetiif yeroo isaatti karaa isaa irraa badhaasa siif kennuu danda’a.
Kanaaf, gatiin tajaajila kee qarshii namni siif kenne qofa miti; Waaqayyo duratti amanamummaa, hojii gaarii fi of kennuu keetiinis madaalama. Namaaf tajaajila kennuun kee gatii qaba. Hojii namaa kabajuun immoo amala gaarii dha.
Aaf gaaffii waliin taasifne guutuu daawwadhaa. 👇
