Namni amaloota gurguddoo garaagaraa afuritti qoodame qaba.

1. Nama irratti kan xiyyeefatan

‘Peoples matter’ jedha.
Hariiroon adunyaa ni sochoosa jechuun amanu. Namoonni amala kana qaban ofii isaanii caalaa namootaaf dursa kennu. Dubbiin isaanii lallaafaa dha. Dubbii nama hin quuqqne dubbatu.
Namoonni amala kana hangafummaan qaban dhaggeeffatoodha, namoota waliin salphumatti hariiroo uumuu danda’u, gurmuu namootaa uumuun gurmuu sana keessatti qooda guddaa qabaatu, hariiroo gadi fagoo ta’e uumuu danda’u.

2. Gocha irratti kan xiyyeeffatan

Namoonni kunneen immoo namoota wanta tokko hojiidhaan agarsiisuu filatani dha. Namoonni kun wanta ta’eef caalaa waan fuulduratti taasisuun ta’uuf irratti xiyyeefatu.
‘What comes next matters.’ jedhu.

Namoota sissi’aa’o dha. Akkasuma namoota sissi’eessuu jaalatu. Haasa’a isaanii keessaa qoosaan hin dhabamu. Yaada hedduu qabaatu. Yaadaan waa uumuu namoota danda’ani dha. Waltajjii irratti akkamiin akka turuu danda’an sirriitti beeku. Seenaa namootaaf qooduun ni beekamu. Namootni akka taasisan namoota taasisani dha.

3.Xiinxala irratti kan xiyyeefatan

Namoonni kun namoota wanta tokkoof hubannoo gadi fagoon itti deemani dha.
Tarkaanfii tokkoon tokkoo taatee waan tokkoo keessatti ta’uu sirriitti hubatanii beeku. Karoora baasuu, hoogganuun isaaniif salphaadha. Waliigaltee gaarii namoota waliin uumuu kan danda’ani dha. Namoonni kunniin seera irratti xiyyeefatu. Dursa ni xiinxalu sana booda ni raawwatu. Yeroo kudhan madaalii yeroo tokko muri jechi jedhu namoota amala akka kanaa qaban sirrrii itti ni ibsa.

4.Bu’aa irratti kan xiyyeeffayan.

‘Result matters’ jedhu.
‘Eessattis daakii garuu immoo daakuu fidi.’ mammaaksi jedhu sirriitti ibsuu danda’a. Haala kamiinis haa ta’u malee eessattis haa taasifamu malee wanti argachuu barbaadan bu’aa wanta ta’u sanaati.
Kallattiidhaan waan barbaadame sana argachuu namoota barbaadani dha. Waan argachuu qaban sirriitti beenu, fakkiin bu’aa waan qabaachuu qabanii ni argu. Namoota itti gaafatamummaa ofii isaanii fudhatan, kan ofii isaanii danda’an, dafanii murteessuu kan danda’an, yeroo isaanii haalan kan itti fayyadaman, namoota wal mormii fi yaada wal jijjiirruu irratti dandeettii qabani dha. Dorgomtoota dha. Wantootni akka ta’aniif taasisu.

Namni kamiyyuu amaloota kunniin afran ni qabaata. Garuu immoo caalmatti kan ittiin dhuunfatamu qaba. Namni tokko nama gocha irratti xiyyeefatu tahee jechuun amaloota kanneen sadan hin qabu jechuu miti.
Amalli inni hangafaa nama sanaa eenyummaa nama sanaa kallattii garagaraan dhuunfachuun ni ibsu.

Leave a Comment

Comments

No comments yet. Why don’t you start the discussion?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *